top of page
Untitled2.png

Sagantaa Tajaajila Hawaasummaa

Sagantaa tajaajila hawaasummaa kanaan namoota dhuunfaa fi maatii adeemsa immigireeshinii isaanii gargaaruu fi fedhii hawaasummaa fi dinagdee hawaasummaa  isaaniif furmaata laachuuf ni gargaaraa.

Kutaalee Sagantichaa

yyata lammummaa guutaa, Gorsa seeraa, .. tajaajila laanna

Baqattootaa fi koolu galtoota Ameerikaa keessatti deeggarsa itti fufiinsa qabu kennuu irratti xiyyeeffata

Iyyata,  haaromsa kaardii magariisaa, .. tajaajila ni laanna

naturalization.png

Lammummaa (Naturalization)

Tajaajiltoota laannu:

  • Iyyata lammummaa guutaa

  • Gorsa seeraa kennuu

  • Iyyata kaffaltii malee gargaaruu

  • Iyyattoota ulaagaa guutaniif leenjii lammummaa fi qophii af-gaaffii(interview) irratti deeggarsa fi qajeelfama kennuu

Naturalization argachuu kan dandeessan yoo ulaagaalee armaan gadii guuttan:- 

  • yoo xiqqaate umuriin waggaa 18, .

  • yoo xiqqaate waggaa shan (ykn yoo lammii Ameerikaa waliin heerumte waggaa sadii) jiraataa dhaabbataa(permanent resident) ta’uu fi

  • ulaagaalee biroo hunda guutuu

Akkasumas tajaajila waraanaa irratti hundaa’uun naturalization argachuuf ulaagaa guutuu dandeessu, kunis ulaagaa adda addaa qaba.

PRIME Program (Refugee Support Services)

Baqattootaa fi koolu galtoota Ameerikaa keessatti deeggarsa itti fufiinsa qabu kennuu irratti xiyyeeffata. Tajaajiloonni kanneen akka:

  • Leenjii sirna Ameerikaa fi qabeenya hawaasaa 

  • Barnootan of danda’uu maatii

  • Gorsa gama jireenyaa adda addaa irratti

  • Gargaarsa mana jireenyaa, ESL, iyyannoo hojii (job application),

  • Hoggansa dhimmaa fi rifaralaa marii seeraa

  • Iyyata faayidaa garaa garaa, gargaarsa kiraa fi rifaralaa

PRIME argachuuf ulaagaa guutuu kan dandeessan yoo umuriin keessan waggaa 16 fi isaa ol ta’e, Ameerikaa (US) keessa waggaa shan (5) fi isaa gadi, fi haala ammaa ykn galmee:

  • Baqataa

  • Koolu galtummaa

  • Miidhaamtoota daldala namaa

  • Amerasian

  • Cuban-Haitian entrant

  • Iraqi or Afghan special immigrants and their eligibility family members

  • Afghan Humanitarian Parolee

  • Ukrainian Humanitarian Parolee

IMG_1854.jpg
legalservice.png

Tajaajila seeraa

  • Haaromsa kaardii magariisaa

  • Kaardii magariisaa bakka buusuu

  • Dokumantii imalaafi

  • Eeyyama hojii.

IMG_1852.jpg
legalservice.png
bottom of page